Site Name

subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link | subglobal1 link
subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link | subglobal2 link
subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link | subglobal3 link
subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link | subglobal4 link
subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link | subglobal5 link
subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link | subglobal6 link
subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link | subglobal7 link
subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link | subglobal8 link

small logo
Oduu

Midhaan Gargaarsaan Argame Lukkeewwaniin Wayyaaneen Gurguramaa Jira!

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 18,2009) Godina Shawaa Lixaa Ona Sayyootti Midhaan Gargaarsaa (Qamadii) ummata beela'eef qaamni addunyaa gumaache lukkeewwan wayyaanee maallaqaan gurgurachaa jiraachuun isaanii dhagahame. Gurgurtaa midhaan gargaarsaa kana keessatti kaabinootni wayyaanee Onaa fi gandaa kan keessatti hirmaataa jiran ta’uu oduun nu dhaqqabe ni mul’isa.

Haaluma wal fakkaatuun kaabinootni wayyaanee Onaa kun maallaqa daandii baasuuf ramadame birrii miliyoona 3tti tilmaamamu walii qooduun akka nyaatanis oduun kun dabalee ifa godha.

Lukkeewwan wayyaanee kun maallaqicha qooddatanii dhimma itti ba’uun gamatti, ummata ittiin dogoggorsuuf karicha anatu baasisaa irratti waldhabuuf akka yaalantu ibsame.

Wayta ammaa haalli beelaa Oromiyaa keessaa yaachisaa fi ummatas kan miidhaa jiru oggaa ta’u, rakkoon hawaasummaas daran hidda yaafataa jiraachuun beekamaa dha. Mootummaan wayyaanee fi maxxanneen isaa dhibdee ummataa kana dhoksuuf guddinni mul’ate jechuun kijiba ololaa jiraachuunis beekamaa dha.

******* 

Guutummaa Oromiyaa keessatti Gibiraa fi Baasiin Lukkeeleen Ummata irratti fe’aa jiran, ummata qe’ee fi biyya isaa irraa godaansisuu akka danda’u gabaafame.

(Madda Oduu ABO/MOA/Bitootessa 18,2009) Maddeen akka gabaasanitti Waldaalee gargaarsaa irratti erga seerri ukkaamsaan haaraan wayyaaneen ba’ee as guutummaa Oromiyaa keessatti baasiin adda addaa gosti torba ummata irratti murtaa’ee jira.

Akka kanaan wayyaanotnii fi jaleen isaanii baasii gibiraatiin alatti kan Ispoortii, Kan Fannoo Diimaa, namoota OPDO morman dabalatee baasii miseensummaa OPDO fi kkf niin ummata saamuu irratti argamu. 

Haaluma kana irraa ka’uun ummanni waan kafalu dhabuu irraa qe’ee fi biyya isaa gadhiisee godaanuuf akka dirqamaa jiru maddeen dabaluun gabaasaniiru.

 

MOA


Opinions published on News and Views section of this site are those of the authors and not necessarily that of OLF.

Copyright ©2005 ABO/OLF All Rights Reserved | Email Webmaster olfinfodesk@earthlink.net